Kitaabni Walabummaa Hafuuraa jedhu kuni waanjoo Islaamummaa jalaa ba’uuf yaadolee addaa ni dhiyeessa. Kunneenis namoonni Islaamummaa dhiisanii akka bahan ni gargaaru, yookin immoo warra soda Islaamummaa keessa jiraniif bilisummaa hafuuraa ni argamsiisu.
Kitaaba kana keessatti hiikni shahaadaa Islaamummaa inni dhugaa maal akka ta’e ibsamee jira, akkasumas warri Musliima hin taane ol’aantummaa Islaamummaatif harka kennuudhaf waadan seenan (Zimmaa) maal akka ta’e ni ibsa. Hambaawwan hafuuraa waadaalee kanneenii akkamitti akka dhiibbaa nama irraan gahan sadarkaa sadarkaadhan ni ibsa. ‘Walabummaa Ijoollee Waaqayyoo’ kan ofii godhachuuf (Rom. 8:21) akkasumas humna fannoo keessa jiru argachuuf furtuuwwan of keessaa ni qaba.
Fuulota kanneen keessatti kadhannaalen akkasumas labsiiwaan caqafaman ardiilee ja’an irratti kan qabatamaan yaalamaniidha. Namoota hidhaa irraa hiikudhaaf, humnoota dhaloota hidhanii jiran hidhaa isaanii kutuudhaf akkasumas namoonni fayyisuu Kiristos ija jabinaa fi karaa sirrii ta’een labsuu akka danda’an gochuudhaf faayidaan isaan qaban hojiidhan kan mirkanaa’edha.